Fana: At a Speed of Life!

Gareen kubbaa miilaa Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Awwaaroo Amboo Ityoophiyaa bakka bu’uun dorgommii Pan-Afrikaarratti ni hirmaata

Finfinnee,Gurraandhala 9, 2014 (FBC) – Gareen Kubbaa miilaa Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Awwaaroo Amboo Ityoophiyaa bakka bu’uun dorgommii Pan-Afrikaarratti kan hirmaatu ta’uu ibsameera.
Waldorgommii kubbaa miilaa Paan Afrikaa Rippaablika Diimokiraatawaa Koongootti gaggeeffamurratti Kubbaa Miilaan Manni Barumsaa Awwaroo Amboo sadarkaa 2ffaa Ityoophiyaa bakka bu’uudhaan kan hirmaatu ta’uun himameera.
Wal dorgommii kanarraatti hirmaachuufis garichi Guyyaa boruu gara Koongoo Kinshaasatti akka imalu ibsameera.
Sirni gaggeessaa garichaarratti argamuun haasawa kan taasisan hoggantuun Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa Saamiyaa Abdallaa manni barumsaa naannoo Oromiyaa carraa kana argachuun waan guddaa ta’uu eeruun, bakka deemanitti morkii gaggeessuun qabxii gaarii galmeessuun cinaatti naamusa gaarii agarsisuun aadaa naannoof biyyaa muul’isu akka qaban himaniru.
Itti gaafatamaan Waajjira Federeshinii kubbaa miilaa Oromiyaa obbo Firoomsaa Laggaasaa manni barnootaa naannoo Oromiyaa carraa kana argachuun fooyya’iinsa kubbaa miilaa Oromiyaarratti jiraachuu kan muul’isuudha jedhan.
Garichi carraa argameetti fayyaadamuun qabxii gaarii galmeessee deebi’uun maqaa gaarii naannoo fi biyyaa waamsisuu akka qabu abdii qabaachuu ibsaniiru.
Dejanuu Gonfaatu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.