Fana: At a Speed of Life!

Gareen nageenyaa ittisa vaayrasii koroonaa naannoo Tigraay sirreeffamtoota seeraa 1,601 dhiifama taasise

Finfinnee, Bitootessa 29, 2012 (FBC) – Gareen nageenyaa ittisa vaayrasii koroonaa naannoo Tigraay sirreeffamtoota seeraa 1,601 dhiifama taasise.

Qindeessaan garee nageenyaa obbo Takki’uu Mitikkuun akka himanitti, koomaand poostiin naannichaa qajeelfama baasen galmeewwan himannaa 1016 mana murtiitti dhiyaataniiru.

Haaluma kanaan 2140 akka adabaman murtaa’uu himaniiru.

Daballii gatii hin malle taasisuun galmeewwan mana murtiitti dhiyaatan 675 murtee kan argatan yammuu ta’u, haaluma kanaan namoonni 1460 adabamaniiru.

Garichi murtee dabarseen sirreeffamtoonni 1601 har’aa kaasee akka gadhiifaman murtaa’era.

Sirreeffamtoonni gara ummataatti yoo makaman vaayrasii koroonaa ittisuu keessatti ga’eesaanii akka ba’atan waamicha dhiyeessaniiru.

Yoonaataan Gizaachawtu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.