Fana: At a Speed of Life!

Gareen shororkeessaa ABUT konkolaattota deeggarsa namoomaa waraanaaf itti fayyadamuu itti fufeera-TKM

Finfinnee, Fulbaana 16, 2015(FBC)- Gareen shororkeessaa ABUT konkolaattota deeggarsa namoomaa akka meeshaa waraanaatti itti fayyadamuu itti fufuu Tajajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Tajaajilichi haala yeroo irratti ibsa laateera.

Waraana Tigiraay Mootumaan dirqamee itti seene nagaan xumuruu fi deeggarsi namoomaa lammiilee naannichaa akka ga’u yaalii hedduu taasisaa turuu ibsuun,  tarkaanfii qabatamaa fudhachaa turuus yaadachiiseera.

Faallaa kanaan gareen shororkeessaa ABUT deeggarsa namoomaa hawaasa idil addunyaarraa argamee naanichaan ga’uuf konkolaattota deeggarsa namoomaa fe’anii Tigiraayiin seenaan garechi kaayyoo waraanaaf itti fayyadamaa turuu mootummaan irra deddeebiin ibseera.

Deeggarsichas galtee hidhattootaaf oolachaa turee jedha.

Dhaabbileen idil addunyaas yakkoota gareen shororkeessichaa seera idil addunyaa cabsuun raawwate itti gaafatama dhaabuu qabu jedheera ibsichaan.

Akkasumas gareen shororkeessichaa deeggarsa gara naannichaa seenu kaayyoo barbaadameef akka oolu mirkaneessuun itti gaafatama isaanii ta’uu ibseera.

Dhaabbileen deeggarsaa idil addunyaa itti gaafatama isaanii akka bahatan mootumaan irra deddeebiin waamicha dhiyeessuun kan yaadatamuudha.

Gareen shororkeessaa ABUT weerara marsaa 3ffaa gaggeessuu hordofee mootummaan birmadummaa biyyaafi nageenya lammiilee kabachiisuuf tarkaanfii ittisaa fudhachaa jiraachuu ibseera.

Dhaabbileen deeggarsaa bakkeewwan mootummaan tarkaanfii ittisuu gaggeessaa jirutti socho’uurraa akka of qusatan mootummaan irra deebiin kan akeekkachiisu ta’uu ibsameera.

Gareen shororkeessaa ABUT konkolaattota deeggarsa namoomaa kanaan dura uggure dabalataan warreen isa jala jiran loogooDhaabbata Sagantaa Nyaata Addunyaafi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dibuun meeshaalee waraanaa ittiin imalchiisuun kaayyoo waraanaaf fayyadamaa jiraachuu yaadachiiseera.

Dhaabbileen deeggarsaa konkolaattota deeggarsaaf itti fayyadaman garee shororkeessichaan faayidaa oolaa jiraachuu dhabuu akka mirkaneessan mootummaan kan hubachiisu ta’uu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.