Fana: At a Speed of Life!

Gatii gurgurtaa qinxaaboo boba’aarratti sirreeffamni taasifame

Finfinnee, Mudde 30, 2015(FBC)-gatii gurgurtaa qinxaaboo boba’aarratti sirreeffamni taasisuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa ibse.

Ministeerichi ibsa FBC’f ergeen har’a Mudde 30, 2015 halkan sa’aatii 6:00 irraa eegalee fooyyessi gatii taasifame deeggarsi kutaalee hawaasa galii gadaanaa argataniif kennamu akka dabalu ibseera.

Haaluma kanaan beenzilli liitiriin tokkoof deeggarsi kennamaa ture Birrii 15 fi saantima 76 irraa Birrii 17 fi saantima 33tti, naaftaa liitirii tokkof deeggarsi kennamaa ture Birrii 19 fi saantima 02 irraa Birrii 22 fi saantima 68tti fooyyeffameera.

Marsaa 3ffaan har’a Mudde 30, 2015 halkaan sa’aatii 6:00 irraa eegalee hanga Amajjii 30, 2015tti Magaalaa Finfinneetti kan hojiirra oolu gatiin gurgurtaa qinxaaboo boba’aa, beenzilli liitiriin Birrii 61 fi saantima 29, naaftaa adiin liitiriin Birrii 67 fi saantina 30 fi keeroosiiniin liitiriin Birrii 67 fi saantima 30 ta’eera.

Naaftaa gurraachi salphaan liitiriin Birrii 49 fi saantima 67, naaftaa gurraachi cimaan liitiriin Birrii 48 fi saantima 70 akkasumas boba’aan xiyyaaraa Liitiriin Birrii 67 fi saantima 91tti akka guguramu murtaa’eera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.