Fana: At a Speed of Life!

Gibtsitti baatii tokko keessaatti yeroo 2ffaaf  balaan baaburaa qaqqabe

Finfinnee, Eebila 11, 2013 (FBC)- Gibtsitti baatii tokko keessaatti yeroo 2ffaaf  balaan baaburaa qaqqabeera.

Biyyattiitti balaa baaburaa baatii tokko keessatti yeroo lammaffaaf qaqqabeen lubbu namoota 11 yoo darbuu,  98  irra ammoo miidhaan qaqqabeera.

Balaan kunis Dilbata waaree booda baaburichi osoo magaalaa guddoo biyyatti Kaariyoorraa gara magaalaa Mansuriyaatti imalaa kan jiruu kan qaqqabee yoo ta’u, furgoon baaburichaa afur karaa gadhiisuun qaqqabeera.

Preezdantiin Gibtsi Abdul Fattaah Al-Sisiin ka’umsi balichaa  akka qoratamuuf ajajaniiru.

Biyyattitti torbee lama dura balaa baaburaa qaqqabeen lubbuun namoota 32 darbuun isaa ni yaadatama.

Maddi:-BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.