Fana: At a Speed of Life!

Giddugala Leenjii Loltummaa Bulbulaatti loltoonni leenjii bu’uuraa fudhataan eebbifamaa jiru

Finfinnee, Fulbaana 6, 2014 (FBC)- Giddugala Leenjii Loltummaa Bulbulaatti loltoonni leenjii bu’uuraa fudhataan eebbifamaa jiru.

Leenjifamtoonni kunneen waamicha biyyaalessaa fudhachuun naannolee garaagaraa irraa kan dhufan ta’uu ajajaan Giddugala Leenjii Bulbulaa Koloneel Sabbooqaa Baqqalaan ibsaniiru.

Leenjifamtoonni kunneen leenjii bu’uuraa jabina qaamaa, hiriira loltummaa, leenjii dhukaasaa fi waraanaa  haala gahaa ta’een kan fudhatan ta’uu ibsameera.

Sirna eebbaa kanarratti ajajoonni Raayyaa Ittisaa olaanoon argamaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.