Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli Qorannoo Chaayinaa-Afrikaa Beejiingitti kan argamu Embaasii Ityoophiyaa waliin akka hojjetu ibse

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2014 (FBC) – Giddugalli Qorannoo Chaayinaa-Afrikaa, Beejiingitti kan argamu Embaasii Ityoophiyaa waliin walta’iinsaan akka hojjetu ibse.

Chaayinaatti Ambsaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaddar Tasoomaa Togaa, Daayrektara Giddugala Qorannoo Chaayina Afrikaa fi Hariiroo Idil Addunyaa Zhi Wiizhong akkasumas hayyoota dhaabbatichaa waliin mari’ataniiru.

Ambaasaddar Tasoomaa Togas wayita marichaatti dhimmoota yeroo Ityoophiyaa fi hariiroo gama lameenii ilaalchisuun ibsa kennaniru.

Haala waraanaa kutaa Kaabaa biyyattiitti mudatee fi dhiibaa biyyootaa Lixa akksumas dhimma Hidhaa Guddicha Haaromsa Ityoophiyaarratti ibsa kennaniiru.

Dabalataanis Chaayinaa fi Ityoophiyaan jaarraa walakkaa ol kan lakkofsise hariiroo dippilomaasummaa kan qaban ta’uun, Giddugalli Qoranno Afrikaa-Chaayinaa hariiroon embaasicha waliin qabu cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Daayrektarri Giddugala Qorannoo Chaayinaa-Afrikaa fi Hariiroo Idil Addunyaa Zhi Wiizhong gama isaaniin, dhimmoota yeroo Ityoophiyaarratti ibsa ambaasaddar Tasoomaaan kennaniif galateeffatanii, dhaabbanni isaaniis Embaasii Ityoophiyaa waliin hariiroon qabu cimee akka itti fufu mirkaneessuu isaanii ragaan Embaasii Ityoophiyaa Beejingi jirurraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.