Fana: At a Speed of Life!

Gocha badii gareen shororkeessaa ABUT qaqqabsiisaa jiru waloon ittisuu qabna-Majiliisi naannoo Oromiyaa

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2014 (FBC)-Gareen shororkeessa ABUT Ityoophiyaa diiguuf naannoolee Amaaraa fi Affaaritti badii qaqqabsiisaa jiru waloon ittisuu qabna jechuun Majiliisi naannoo Oromiyaa beeksiseera.

Majiliisichi lammiilee qe’ee fi qabeenyaasaanirra buqqa’aaniif meeshaalee nyaata, uffatalee fi kanneen biroo Birrii miiliyoona 10 oliitti tilmaamamaan taasiseera.

Qindeessaan deeggarsichaa Sheek Mahaammad Zaakiir akka ibsanitti, gareen shoroorkeessaa ABUT iddoowwan qaqqabeetti gocha sukkanneessaa dhala namaarraa hin eegamnee raawwateera jedhan.

Majiliisiin naannoo Oromiyaa magaaloota Sabbataa, Buraayyuu, Dukaamii fi Suluultaatti akkasumas waldaa tola oltootaa AL Ihisaanii fi qaamolee biroo qindeessuun deeggarsa Birrii miiliyoona 10tti tilmaamamuu taasisuu himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.