Fana: At a Speed of Life!

Godaantonni 118 gara biyyaatti deebi’an

Finfinnee, Mudde 8, 2016 (FBC)- Godaantonni lammiilee Itiyoophiyaa taanzaaniyaatti haala rakkisaa keessa turan 118 gara biyyaatti deebifaman.

Taanzaaniyaatti Embaasiin Itiyoophiyaa, Dhaabbata Godaantotaa Idil Addunyaa fi Komishinii Bulchiinsaa fi To’annoo Daangaa Taanzaaniyaa waliin ta’uun lammiileen kunneen akka gara biyyatti deebi’an taasifamuun eerameera.

Godaantonni seeraan alaa daddabarsitoota namootaan gowwoomfamuu fi maallaqa olaanaa kaffalanii gara Afrikaa Kibbaa galuuf Taanzaaniyaa wayita galan qaamolee nageenyaa biyyattiin to’atamuun mana hidhaa akka turan ibsameera.

Kanaan dura lammiilee Itiyoophiyaa biyyattitti hidhaa keessa turan 448 akka gadi lakkifamanii fi sanadni imalaa qophaa’uufiin gara biyyatti deebifamuu ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.