Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii fi Harargee Lixaatti Proojektoonni misoomaa eebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2013 (FBC) – Godina Arsii aanaa Leemmuu fi Bilibiloo fi Harargee Lixaa magaalaa Baddeessatti Proojektoonni misoomaa eebbifamaniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Bdhaadhinaa naannoo Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaan godina Arsii aanaa Leemmuu fi Bilbillotti manni Baruumsaa Ifa Boruu Aliyyii Galchuu sadarkaa 2ffaan eebbisiisaniiru.
Godina Harargee Lixaa bulchiinsa Magaalaa Baddeessaattis Hospitaalli Birrii miiliyoona 31 fi kuma dhibba 5 oliin jila Itti aantuu Preezdaantii fi Qindeessituu Kilaastera Misooma magaalota Oromiyaa Aaddee Caaltuu Saaniin durfamuun eebbifameera.
Bulchaan Godina Harargee Lixaa obbo Abdurahmaan Abdallaan mootummaan jijjiirramaa fayyadamummaa ummata godinichaa mirkaneessuuf proojektiiwwan garagaraa Birrii biiliyoona 2.4 oliin hojjetamaa jiran 163 keessaa proojektoonni 74 xummuramuu ibsuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa Oromiyaa fi Godina Harargee Lixaarraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.