Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii Lixaatti daldala seeraan alaa ittisuuf hojjetamuu qaba jedhame

Finfinnee, Amajjii 13, 2015 (FBC) – Godina Arsii Lixaatti daldala seeraan alaa oomishaalee qonnaarratti raawwatamu ittisuuf hojjetamuu akka qabu ibsameera.

Godinichii fi Bulchiinsi magaalaa Shaashamannee waliin qindoomuun akkaataa daldala seeraan alaa ittisuun danda’anirratti mari’ataniiru.

Daldalli seeraan alaa oomisha akka qamadiirratti raawwatamu sadarkaa qulqullinaa fi fayyadamummaa qonnaan bulaa miidhaa jiraachuu bulchaan godina Arsii Lixaa obbo Ahimad Hajjii himaniiru.

Daldaltoota seeraan alaa to’achuuf qaamni hundi qindoominaan hojjechu akka qabu hubachiisaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Daldalaa fi Misooma Gabaa Godina Arsii Lixaa obbo Kaasahuun Xilahuun, daldalaan kuusaan ala kuusee oomishni gabaarraa akka dhabamu taasurratti haalduree tokko malee irraa tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu ibsaniiru.

Jibriil Huseentu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.