Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii lixaatti hojiilee tajaajila lammummaa gannaatiin Birriin miiliyoona 290 olitti tilmamamuu hojjetamu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 28, 2014 (FBC)-Godina Arsii lixaatti hojiilee tajaajila lammummaa gannaatiin Birriin miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 90 fi kuma dhibbi 5 kuma 5 fi 505tti tilmaamamu hojjetamu ibsameera.

Itti gaafatamaan waajjira Misooma Wal ta’iinsa maallaqaa godina Arsii lixaa obbo Ibraahim Idin, namoonni kumni dhibbi 8 kumni 1 fi 793 irratti hirmaachuu himaniiru.

Waamicha lammummaa awwaachuun hojii tola ooltummaa gannaatiin raayyaa ittisa biyyaatiif dhiigni yuunitii 425 arjoomuun, manni harka qalleeyyii 229 kan ijaarame yoo ta’u, manni 61 suphameera jedhaniiru.

Biqiltuun miiliyoonni 58.6 dhaabbachuun, riqichoota ijaaruu fi suphuu, daandii haaraa baasuu qulqullinna magaalaa irratti hojiin baldhaan hojjetamuu himaniiru.

Sagantaa ‘an barataa tokkoof’ jedhuun barattootaaf deeggarsi meeshaalee barnoota taasifamuu ibsaniiru.

Itti gaafatamtuun waajjira dhimma dubartootaa daa’immanii fi dargaggootaa godina Arsii lixaa aadde Arabee Nyagulee, aadaan wal gargaarsaa keessattu daa’immanii fi dargaggootaa gargaaruu irratti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Jibriil Hunseentu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.