Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii Lixaatti lafti hektaarri kumni 111 Jallisiin misoomaa jira jedhame

Finfinnee, Sadaasa 16, 2016 (FBC) – Godina Arsii Lixaatti lafti hektaarri kumni 111 Jallisii Boneen misoomaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.

Hojii misooma jallisii kanarraa abbootiin warraa kumni 200 ol fayyadamoo ta’uu ibseera

Qonna jallisii bonee bara kanaan oomishni callaa kuntaalli miiliyoonni 4.6 kan eeggamu ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa godina Arsii Lixaa Dooktar Abdullaahii Beekaan ibsaniiru.

Aanaa Gadab Hasaasaatti lafti hektaara kuma 24 ol misoomaa jiraachuu bulchaan aanichaa Obbo Taarikuu Lammaa himaniiru.

Qonnaan bultoonni lafa hektaara tokkorraa callaa kuntaala 35-40 kan argatan ta’uu himaniiru.

Jibriil Huseentu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.