Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaatti qabeenya Loonii %10 baraaruuf margi beelii miliyoona 4.4 ol akka barbaachisu himame

Finfinnee, Guraandhala 16, 2015 (FBC)- Godina Booranaatti qabeenya Loonii % 10 baraaruuf margi beelii miliyoona 4.4 ol akka barbaachisu Bulchiinsi Godinichaa beeksise.

Hongee cimaa waggoota sadan darbaniif Godina Booranaatti mudateen qabeenya beeyladaa miliyoona 7.2 keessaa miiliyoona 3.3 kan du’an yoo ta’u, beeyladoota du’an keessaa %85 loowwan ta’un himameera.

Loowwan hafan keessaa kuma 230 baraaruuf hojjatamaa jira kan jedhan Bulchaan Godina Boranaa Obbo Jaarsoo Boruu loowwan kanaaf ji’a sadiif qofa margi beelii miiliyoona 4.4 fi nyaanni kuntaalli kuma 135 kan barbaachisu ta’u himaniiru.

Hanga ammatti kan dhiyyeessuun danda’ame %1 qofa ta’us himaniiru.

Deeggarsi gahaa jiru hanga yaadameen gadi ta’uun loowwan kana baraaruuf ulfataa ta’us dubbataniiru.

Hongee waggoota sadan darban godinichatti mudateen loowwan du’an birri biliyoona 33 olitti kan tilmaamaman ta’us Obbo Jaarsoon eraniiru.

Muluu Waaqshuumee fi Taarikuu Laggasaatu gabaase.
#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.