Fana: At a Speed of Life!

Godina Gujii aanaa Oddoo Shaakkisootti balaa ibiddaa muudateen miidhaan qaqqabe

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2013 (FBC) – Godina Gujii Aanaa Oddoo Shaakkisoo magaalaa Magaaddootti balaa abiddaa dhaqabeen qabeenyi Birrii miliyoona 6 olittii tilmaamamu manca’uu ibsame.
Gurraandhala 23 Bara 2013 godina Gujii Aanaa Oddoo Shaakkisoo magaalaa Magaddootti balaa ibiddaa mudateen manneen jireenyaa fi daldalaa 29 gubachuu isaa Itti Gaafatamaan Waajjira Dhimmoota Komnikeeshinii Aanichaa obbo Badhaasoo Taaddasaa ibsaniiru.
Balaa ibiddaa kanaan qabeenyi Birrii miliyoona 6 fi kuma 500 olitti tilmaamamu barbadaa’uu fi ka’umsi balichaas humna ibsaa ta’uu akka hin oolle dubbataniiru.
Akka OBN gabaaseetti,abbootiin warraa 19 qabeenya isaanii guutummaa guuttuutti dhabaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.