Fana: At a Speed of Life!

Godina Harargee Bahaa aanaa Malkaa Bal’ootti balaa konkolaataa qaqqabeen lubbuun  namoota 13 darbe

Finfinnee, Hagayya 1, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaa godina Harargee Bahaa aanaa Malkaa Bal’ootti balaa konkolaataa qaqqabeen lubbuun namoota 13 darbuu Koomishiniin Poolisii godinichaa beeksise.

Itti gaafatamaan Diiviizyiin Koomiiniikeeshiin mootummaa Koomishinichaa Inispeekkatar Tolaasaa Goshuu Faanaa Broodkasting Koorporeetiif akka himanitti, konkolaataan Izuusuun fe’umsaa aanaa Malkaa Bal’oo Bareedaa shagaxaa shaqaxaa fi namoota 21 fe’ee gara magaalaa Harawaacaatti imalaa ture ganda haqaa Muuliisaatti kufee garaa garuun miidhaa qaqqabsiisuu ibsaniiru.

Balaan kun eda galgalaa naannoo sa’aatii 2:00 kan qaqqabe yoo ta’u, balichaan lubbuun namoota 13 battalumatti darbuu fi namoota 8 irra balaa cimaa fi salphaan ga’uu ibsaniiru.

Konkolaachisaan yeroof miliquus hordofamaa jiraachuu himaniiru.

Sababa rakkoo daandiin konkolaattoonni uummataa tajaajila kennaa dhaabuu isaanii hawaasni konkolaattoota fe’umsaan imalaa jiraachuu kan Inispeekktar Tolasaan, balaan akka kanaa irra deddeebiin qaqqabaa  akka jiru ibsaniiru.

Tashoomaa Hayiluutu gabaase.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.