Fana: At a Speed of Life!

Godina Harargee bahaatti barattoota qabxii olaanaa galmeessaniif beekkamtii fi badhaasni latame

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2013 (FBC)- Godina Harargee bahaatti barattoota qabxii olaanaa galmeessanii beekkamtii fi badhaasnii latameera.
Sirna kennaa beekamtii fi Badhaasaa kanarratti argamuun haasawa baniinsaa kan taasisan itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Godina Harargee Bahaa Obbo Addunyaa Hulluuqaa, Sirni baruuf barsiisuu Godina keenya duraan rakkoo walxaxaa keessa ture amma fooyya’aa dhufuun barattoota qabxii fooyya’aa fidaniif beekkamtii fi baadhaasni laatameera jedhan.
Sirna qophaa’ee kanarratti Akka Godinichaatti barattoota qorumsaa Biyyooleessaa kutaa 12ffaa qabxii dhibba shaniif isaa ol galmeessan saddeeti fi barattoota kutaa 8ffaa qabxii 90f isaa ol galmeessan shaniif Bbdhaasoota garaagaraa kennuun barsiisotaa fi manneen barnootaa fakkeenyummaa ol aanaa qabaniif akkasumas Miidiyaalee dabalatee dhaabbilee milkaa’ina baranootaa bara 2013f tumsa taasiisaniif beekamtiin kennamee jira.
Hinkoosaa Abdiisaatu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.