Fana: At a Speed of Life!

Godina Harargee Lixaa Aanaa Mi’eessootti proojektiin jallisii eebbifame

Finfinnee, Caamsaa 30, 2013 (FBC)- Godina Harargee Lixaa Aanaa Mi’eessootti proojektiin jallisii eebbifameera.

Sirna eebba proojekticharratti Jilli itti aantuu Preezdaantii fi Qindeessituu Kilaastara Magaalota naannoo Oromiyaaa, Aadde Caaltuu Saaniin durfamu dabalatee hoggantoonni hojii mootumma fi hawaasni aanichaa argamaniiru.

Aadde Caaltuu Saaniin, jjaarsi proojektichaa waggoota 10 oliif harkita ture hoggansii jijjiirramaa faayidaa uummataaf akka ooluu taasiseera jedhan.

Proojektiin misooma jallisii Hussee Mandhaaree kun baasii Birrii miiliyoona 17 oliin ijaarramee jedhameera.

Proojektichi lafa heektaraa 98 ol kan misoomsuu danda’uu yoo ta’u, abbootii warraa 50f tajaajila ni laata jedhameera.

uula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.