Fana: At a Speed of Life!

Godina Shawaa Kibba Lixaatti bara kana lafti hektaarri kumni 14 qamadii jallisiitiin misoomaa jira

Finfinnee, Muddee 22, 2014 (FBC)- Godina Shawaa Kibba Lixaatti bara kana lafti hektaarri kumni 14 qamadii Jallisiitiin misoomaa jira.

Keessumaa Godinichatti Aanaan Iluu sababa lagni Awaash Guutuuf yeroo gannaa oomisha gosa kamiinuu oomishuuf ulfaataa ta’uu qonnaan Bultoonni dubbataniiru.

Sababuma kanaan waggoota 5’f oomisha gahaa osoo hin argatin rakkoof saaxilamaa turuudha qonnaan bultoonni kunneen FBC’tti kan himan.

Qonnaan Bultoonni Aanaa Iluu Ganda Bilii fi Jigduu Midaa kanaan dura jallisiidhaan kuduraa fi muduraa qofaa oomishaa turuu dubbatu, amma garuu jallisiidhaan qamadii oomishaa jiran irraa bu’aa caalu abdachaa jirraa jedhu.

Ganda Jiduu Midaatti qofaa lafti hektaarri 120 qamadii jallisiitiin misoomaa jira.

Akka Naannoo Oromiyaatti karoora bara  kana qonna Jallisii qmadii bonaatiin lafti hektaarri kumni 300 qophaa’eera kana keessaa ammoo lafti hektaarri kumni 242 hanga guyyaa kaleessaatti sanyiidhaan uwwifamuu Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Abarraa Warquu himaniiru.

Kanarraas callaan kuntaalli miiliyoonni 17 ni abdatamas jedhaniiru.

Yaaddessaa Geetaachootu Gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.