Fana: At a Speed of Life!

Godina Wallagga Lixaatti hojjettoota Mootummaa kenna tajaajilaa danqan 880 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Caamsaa 5, 2014 (FBC) – Godina Wallagga Lixaatti hojjettoota Mootummaa kenna tajaajilaa danqan 880 irratti tarkaanfiin garaa garaa fudhatamuu Waajjirri Paablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Godinichaa beeksiseera.
Itti gaafatamaa Waajjira Paablik Serviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Godina Wallagga Lixaa obbo Darajjee Guddinaa akka ibsanitti, qorannoo rakkoo kenna tajaajilaa gaggeeffameen rakkoo 546 adda bahee keessa furmaata kan argate 401 yoo ta’u, rakkoon 145 ammoo adeemsarra jira.
Godinichatti hojjettoota Mootummaa kenna tajaajilaa danqan 880 irratti tarkaanfiin garaagaraa fudhatamuu himaniiru.
Namoonni 16 hojiirraa gaggeeffamuu, 53 seeratti dhiyaachuu, 7 hojii irraa dhorkamuu , 38 gita irraa ka’uu , 208 miindaa adabamuu, 7 to’annoo seeraa jala jiraachuu , 27 aangoo irraa kaafamuu , 216 akeekkachiifni barreeffamaa laatamuu, 308 akeekkachiifni afaanii laatamuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Wallagga Lixaarraa argame ni muul’isa.
ibsaniiru.Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.