Fana: At a Speed of Life!

Godina Walloo Kibbaatti rasaasni kumni 3 fi 600 ol seeraan ala daddabarfamaa ture  to’atame

Finfinnee, Caamsaa 12, 2014 (FBC) – Godina Walloo Kibbaa aanaa Wagidiitti rasaasni kumni 3 fi 664 seeraan ala daddabarfamaa ture to’atamuu ibsameera.

Caamsaa 12, 2014  ganama keessaa naannoo sa’atii 4:00 aanaa Booranaarraa ka’uun gama aanaa Wagidiin rasaasni garee shororkeessaa Shaneef dabarfamuuf ture aanaa Wagdii ganda 06tti qaamolee seeraan to’atamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu waajjirri poolisii aanichaa beeksiseera.

Gurmaa’iinsi qaamolee nageenyaa sadarkaan jiran seer-maleessummaa ittisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jiraachuu hogganaan waajjirichaa Koomaandar Nigaatuu Taammanaa ibsuu ragaan kominikeeshinii aanichaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.