Fana: At a Speed of Life!

Godinaa Matakkalitti yeroo ammaa kan sochiin nageenyaa tasgabaa’aa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Eebla 10, 2013 (FBC)- Godinaa Matakkalitti yeroo ammaa kan sochiin nageenyaa tasgabaa’aa jiraachuu ibsameera.
Godinaa Matakkalitti yeroo ammaa kan sochiin nageenyaa tasgabaa’uu irra kan ka’ee hawaasni gara buufata gabaa deemun sirna bittaa fi gurgurtaa jalqabuu jirattoonni Aanaa Galgal Balas himaniiru.
Rakkoo nageenyaa Godinaa Matakkalitti muudate tureen gabaan Aaanaa Galgal Balas rakkoo keessa tureera.
Yeroo ammaa kana koomaandii poostii Godinichaa hojjii hojjateen sochiin nageenyaa tasgaba’aa jira jedheera.
Kana irraa kan ka’ee jirattoonni Aanaa Galgal Balas walarguun sirna bittaafi gurgurtaa gabaa isaanitti taasisaa jiru.
Akka Gabaasa TOItti Daayreekatarri Sab Qunnamtii Raayyaa Ittisaa Biyyaa Koloneel Geetinaat Adaanaa, godina Matakkaal gara sochii nageenyaa deebisuuf hojiin garaagaraa hojjeetamuu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.