Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti barattoonnii fi barsiisonni oomisha maatii duultota adda waraanaa walitti qaban

Finfinnee, Sadaasa 27, 2014 (FBC) – Godina Baaleetti barattoonnii fi barsiisonni oomisha maatii duultota adda waraanaa walitti qabuu ibsame.

Birmadummaa biyya eegsisuu keessatti namoota qooda olaanaa fudhachuun qaaman dirree waraanatti argamuun aarsaa barbaachisu kaffalaa jiraniif kunuunsi maatii isaanitiif taasifamaa jiru cimee kan itti fufu ta’uu ibsameera.

Godina Baaleettis kan dhugoomsuun oomisha midhaanii walitti qabamuuf barattoonnii fi barsiisonni kallattii ka’ameen sassaabii oomishaa jalqabanii jiru.

sochii  duula birmadummaa biyyaa eegsisuuf taasifamaa jiru keessatti  raayyaa ittisa biyyaatiif humna ta’uun deeggarsa maallaqaa, arjooma dhiigaa fi maatii milishaa duula irratti argamuuf sassaabbii oomishaa irratti hirmaachuun ga’ee isaan irraa eegamu kan ba’atan ta’uu eeraniiru.

Godinichatti duulli sassaabbii oomishaa manneen barnootaa godinichaa 42 keessaa barattoota kuma 32 ol hirmaachisuun karaa qindoomina qabuun eegalamuu ibsameera.

Sassaabbiin oomishaa kun duula birmadummaa biyyaa mirkaneessuun alattis miira tokkummaa fi jaalala biyyaa barattoota keessatti kan uumu waan ta’eef sochii kana milkeessuuf caasaan barnootaa sadarkaan jiru xiyyeeffannoon akka hojjetuuf kallattiin kaa’amuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Naannoo Oromiyaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.