Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa boruu hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisaa magaalaa Finfinneetti ni gaggeeffama

Finfinnee, Adooleessa 14, 2013 (FBC) – Guyyaa boruu hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisaa magaalaa Finfinnee Addabaabayii Masqalaatti kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.
Hiriirri gaggeeffamu milkiin akka xumuramu qophiin barbaachisu taasiifamuu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksiiseera.
Hiriira Addaabaabayi Masqalaatti gaggeeffamu kana hordofee barii sa’aatii 11:00 eegalee daandiiwwan muraasni tajaajila Tiraafikaaf cufaa ta’uu komishinichi ibseera.
Daandii Boolee gara Addabaabayii Masaqalaa, Magganaanyaa gara Addabaabayii Masaqalaa,Kiiloo 4 gara Addabaabayii Masaqalaa, Daandii Chargarii gara Addabaabayii Masaqalaa, Ejansii Raagaa Haala Qilleensa Biyyaalessaa gara Addabaabayii Masaqalaa, Saarisi gara Addabaabayii Masaqala, Xoor Hayiloochii gara Addabaabayii Masaqalaa fi Meeksiikoo gara Addabaabayii Masaqalaa daandiin fudhatu tajaajila tiraafikaaf cufaa ta’uu ibseera.
Sababa kanaan konkolaachiiftoonni daandii biroo akka fayyadaman hubachiiseera.
Hawaasni lakkoofsa bilbilaa 011-1-11-01-11 yookaa bilbila bilisaa 991 irratti bilbiluun eeruu laachuun kan danda’an ta’uu ibsamuu ragaan Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.