Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Kalee Addunyaa Ityoophiyaatti kabajamaa jira

Finfinnee, Guraandhala 30, 2015 (FBC) – Guyyaan Kalee Addunyaa Tiyatira Biyyoolessaa Ityoophiyaatti kabajamaa jira.

Saganticharratti kutaaleen hawaasaa garaagaraa kan argaman yoo ta’u qorannoon bilisaa dhiibbaa dhiigaa, dhibee sukkaaraafi Kalee gaggeeffamaa jira.

Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Ayyalaa Tashoomaan saganticharratti haasawaa taasisaniin, dhibee Kalee ittisuurratti hojjetamuu baannaan akka biyyatti rakkoo guddaa kan uumu ta’uu kaasaniiru.

Hanqina dhiyeessii yaala fayyaa irraa kan ka’e dhukkubsattoonni dhibee kale baasii olaanaaf saaxilamaa jiraachuu eeruun, rakkoo kana furuuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Qiddist Abaataatu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.