Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan qaama miidhamtootaa Magaalaa Dirree Daawaatti Kabajame

Finfinnee, Sadaasa 24, 2015(FBC)- Guyyaan qaama miidhamtootaa akka addunyaatti yeroo 31ffaaf akka Ityoophiyaatti ammo yeroo  30ffaaf mata duree “waliin gahiinsa kalaqa hojii qaama miidhamtoota Ityoophiyaaf “ jedhuun Magaalaa Dirree Daawaatti kabajameera.

Sirna kabajaa guyyichaarratti Ministira Ministeera Dhimma Dubaartootaafi Hawaasummaa  Dooktar Ergoogee Tesfayee , Ministira Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa fi hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaafi naannolee argamaniiru.

Gama biraan Dooktar Liyaa Taaddasaan Magaalaa Dirree Daawaatti daawwannaa hojii taasisaniiru.

Daawwannaasaaniin, Hospitaala Riferaalaa Dil Corraa ,kenninsaa tajaajila wal’ansaa balaa tasaa giddugala  Wal’aansaa Ityoo-Fransaayiifi  Hospitaala Waliigalaa Saabiyanitti ijaarsa  Giddugala Dhiqaa Kalee daawwataniiru.

Ministeerri Fayyaa dhaabbiilee fayya kanneeniif deeggarsa kan taasisu ta’uu Dooktar Liyaan ibsaniiru.

Tashoomaa Hayiluutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.