Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Qulqullinaa Addunyaa magaalaa Finfinnee manneen barnootaa hunda keessatti gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 8, 2014( FBC)- Guyyaan Qulqullinaa Addunyaa magaalaa Finfinnee manneen barnootaa hunda keessatti gaggeeffameera.

Guyyaan kun mata duree “mana barnootaa qulqulluu dhalootaaf “ jedhuun guyyaan Magaalaa Finfinnee manneen Barnootaa hunda keessatti gaggeeffameera.

Duulli qulqullinaa kun manneen barnootaa keessatti adeemsifamuun isaa barattoonni weerara covd-19 akka hin miidhamne ittisuurra darbee manneen barnootaa qulqulluu ta’an uumuu dandeessisa jedhameera.

Kabaja guyyichaarratti Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Geetahuun Makuriyaa, Ministirri Ministeera Misooma magaalaa fi konistiraakshinii Injiinar Ayishaa Mahaammad, Sadarkaa Itti Aanaa Kantibaa magaalaa Finfinneetti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa obbo Zhaanxiraar Abbay , miseensootaa raayyaa ittisa biyyaa, barattoonni, hayyoonnii fi kessuummoonni waamichii taasifameef argamuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argamee ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.