Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan sirni Gadaa hambummaan itti galmaa’e waggaa 3ffaan Yaaballootti kabajamaa jira

Finfinnee, Muddee 24, 2012 (FBC) – Guyyaan ayyaana sirni Gadaa Oromoo Dhabbata Saayinsii, Barnootaa fi Aadaatti hambummaan itti galmaa’e waggaa 3ffaan godina Booranaa magaalaa Yaaballootti kabajamuu eegale.
 
Ayyaanni kun guyyoota lamaaf; har’a Muddee 24 fi booru Muddee 25,2012 magaalaa Yaaballootti kabajama.
 
Guyyaa har’aa argarsiisa meeshaalee sirni Gadaa beekamtii ittiin argate hundi hawaasaaf banaa ta’uun daawwatamaa jiru.
 
Sirni Gadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Dhabbata Saayinsii, Barnootaa fi Aadaatti hambaa kiliyaa addunyaa ta’ee erga galmaa’ee waggaa sadaffaa qabateera.
 
Ayyaanichi waggaa waggaadhan kabajamuun duudhaan sirnichaa caalaatti akka ifa ba’u taasisa.
 
Kabajicharratti agarsiisni aadaa fi siimpooziyamiin ni dhiyaata.
 
Abbootiin Gadaa godinalee Oromiyaa, hayyoonni damichaa, keessummoonnii fi qaamoleen hawaasaa ayyaanicharratti ni hirmaatu.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.