Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa waggaan 128ffaan karaa nagaan akka kabajamu qophiin xumurame – Humna Walichaa

Finfinnee, Guraandhala 21, 2016 (FBC) – Guyyaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa waggaan 128ffaan karaa nagaan akka kabajamu qophiin xumuramuun hojiitti galamuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa beeksiise.

Humni Waloo kun Guyyaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa waggaa 128ffaa Guraandhala 23, 2016 kabajamu rakkoo nageenyaa tokko malee akka kabajamu hojiilee hojjetamaa jiran ilaalchisee marii gaggeesseera.

Guyyaan kun sodaa nageenyaa malee karaa nagaan akka kabajamu humni Nageenyaa qophii taasisuu ibsameera.

Hirmaattoonni waayita ayyaanicha kabajan sochii waldhabdee uumuurraa of qusachuu akka qaban yaadachiiseera.

Rakkoo fi sodaa nageenyaa muudachuu danda’u adda baasuun dursanii ittisuu fi deebii laachuuf qophii gahaan taasiifamuu ibsuu ragaan Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.