Fana: At a Speed of Life!

Guyyoota 16 darban keessatti meeshaaleen koontiroobaandii gatii Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 29 olitti tilmaamamu too’atame

Finfinnee, Hagayya 16, 2012 (FBC) –Guyyoota 16 darban keessatti meeshaaleen koontiroobaandii gatii Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 29 olitti tilmaamamu too’atame.

Guyyoota 16 darban keessatti meeshaaleen koontiroobaandii gatii Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 29 olitti tilmaaman, burjaajjii taaksii fi daddabarsa maallaqaa seeraan alaa irra ga’amee mootummaaf galii ta’eera.

Kanneen keessaa Doolaarri Ameerikaa 449,700 sarara Huumaraan, warqeen giraama 23,000 tilmaamaan gatii Birrii miiliyoona 46 qabu karaa buufata xiyyaaraa Booleen biyyaa ba’uuf otuu jiruu too’atameera.

Meeshaaleen eleektirooniksii, mootar saaykiloonni, meshaaleen waraanaa, meeshaaleen faayaa, baalli sammuu namaa hadhoochuu, konkolaattota maqaa tuuristii fi karaa seeraan alaan galanii fi meeshaaleen biroon too’atamaniiru.

Meeshaaleen kunneen buufataalee too’annoo Harar, Mojoo, Mooyyaalee, Dirree Dawaa, Bulee Horaa, Kombolchaa, buufata xiyyaaraa Boolee fi Cinaaksaan akkasumas maloota garagaraa fayyadamuun biyyarra baasuu fi galchuuf otuu yaalanii kan too’ataman ta’uu Ministeerri Galiiwwanii beeksiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.