Fana: At a Speed of Life!

Haala nageenya daangaa naannoo Oromiyaa fi Gaambeellaa ilaalchisee mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Muddee 26, 2013 (FBC) – Haala naannoo Daangaa Oromiyaa fi Gaambeellaatti nageenya waaraa fiduun danda’amurratti magaalaa Gaambeellaatti mariin gaggeeffamaa jira.
Uummannii Oromoo fi naannoo Gaambeellaa walitti hidhaminsa bara dheera qabu jedhan preezdaantiin mootummaa naannoo Gaambeellaa obbo Uumod Ujuluun.
Jijjirramaa as mootummaan naannoo Oromiyaa humna dandeettii raawwachisummaan mootummaa naannoo Gaambeelaa cimsuuf hojii bal’aa hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Mariin kunis nageenya waliinii cimsuun walitti hidhaminsa misoomaaf akka hojjennu nu gargaara jedhan.
Hogganaan Biiroo Bulchinsaa fi Nageenya Oromiyaa obbo Jibriil Mahaammad mariin kun rakkoo nageenyaa darbe darbe daangaa irratti muul’atu kan furu ta’u himaniiru.
Marii kanarrattis waraqaan qorannoo hojiiwwan nageenyaa walitti hidhaminsaan hojjetamee dhiyaachuun irratti mari’atamaa jira.
Akka OBN gabaaseetti marii kana irratti qooda fudhattoonni adda addaa godinaalee Iluu Abbaa Booraa fi Qellam Wallagaa akkasumas naannoo Gaambellaa irratti hirmaataa jiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.