Fana: At a Speed of Life!

Haala qophii duraa dhaabbii biqiltuurratti mar’atame

Finfinnee, Caamsaa 5, 2012 (FBC) – Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad haala qophii duraa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisummaa bara kanarratti qaamoolee dhimmi ilaallatu waliin mari’’atan.
 
Marii kanarratti haala qophii duraa dhaabbii biqiltuu bara kanaa ilaalchisee Ministeerri Qonnaa ibsa kenneera.
 
Koreen haala mijeessituu biyyaaleessa, koreen Teeknikaa, Preezdaantoonni naannoolee, qaamooleen haawasa kakaasuu keessatti qooda qabanii fi qooda fudhattoonni gamaaggama kanarratti hirmaataniiru.
 
Bara darbe dhaabbii biqiltuu gaggeeffame keessatti hirmaannaan hawaasaa, kutannoon hoggansaa, hirmaannaan dhaabbilee fi qooda fudhattoota birratti muul’ate jajjabeessaa kan ture ta’uu ibsameera.
Bara kana biqiltuu biiliyoona 5 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
 
Ityoophiyaatti waggaa 4 keessaa biqiltuu biiliyoona 20 dhaabuuf karoorfamuu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad himaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.