Fana: At a Speed of Life!

Haala yeroo ilaalchisee Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa kenne

Finfinnee, Ammajjii 28, 2015(FBC)- Haala yeroo ilaalchisee Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa kenneera.

Abbootii Amantaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa gidduutti adda addummaan tibbana mudate karaa nagaan, hojimaata keessoon furamuu akka qabu mootummaan kan amanu ta’uu ibsichaan eerameera.

Mootummaan kanaan dura dhaabbileen biyyaalessaa tokkummaafi cimina isaanii eeguun akka itti fufaniif gahee irraa eegamu ba’achaa turuu eeruun, ammas tattaaffii taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsameera.

Rakkooleen tokkummaa dhaabbilee qoran wayita keessaa ka’an mariifi hojiimata keessoon akka furaman deeggarsa taasisaa turuu yaadachiisuun, bu’aa qabatamaa fiduus kaafameera.

Garaagarummaan abbootii amantaa ortodoksii tawaahidoo Ityoophiyaa gidduutti mudate karaa nagaan mariifi akkaataa hojiimaata mana amantichaan akka hiikkamuuf qamoleen hundi itti gaafatamummaa irraa eegamu ba’achuu qabu jedhameera.

Jaarsoliin biyyaafi abbootiin amantaa qaamolee lameen walitti fiduun rakkichi tasgabbiin akka furamu taasisuu akka qaban ibsichaan ka’eera.

Amantoonnis rakkicha hammeessuurra ofqusachuun gahee ijaarsaa ba’achuu akka qaban yaadachiifameera.

Qaamoleen nageenyaa nageenya uummataafi dhaabbilee amantaa naannawaa isaanii kabachiisuun dirqama isaanii ta’uu yaadachiisuun, qaamolee walitti bu’iinsa hammeessan sirna qabachiisuu qabu jedhameera.

Miidiyaaleen wantoota rakkicha hammeessan dhiyeessuurraa ofqusachuu akka qabanis ibsameera.

Uummanni rakkichi akka furamuuf gahee irraa eegamu akka ba’atuuf mootummaan yaadachiiseera.

Gama biraan amantaafi saba daheeffachuun walitti bu’iinsa uumuuf kan yaadan, qaamoleen biyya diiguuf karaa garaagaraa yaalanii hin milkaa’iin hafan rakkichi akka hammaatuuf hojjechaa jiraachuu bira gahamuu eerameera.

Dhimma kana mootummaan obsaan kan hin ilaalle ta’uus ka’eera.

Rakkicha hammeessuufi uummata gidduutti walitti bu’iinsa uumuuf darbees biyya qormnaata keessa galchuuf qaamolee hojjetan irratti mootummaan hojii seera kabachiisuu kan hojjetu ta’uu beeksiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.