Fana: At a Speed of Life!

Haala Yeroo Irratti Ibsa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaarraa kenname

Finfinnee, Guraandhala 2, 2015 (FBC)- Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa haala Yeroo ilaalchisuun ibsa laateera.

Garaagarummaan abbootii amantaa Ortodoksi Tawaahidoo Ityoophiyaa gidduutti uumame marii karaa nagaaniifi qajeelfama keessoon akka furamu mootummaan ejjennoo qabaachuu ibsichaan yaadachiifameera.

Kanaaf ammoo jaarsoliin biyyaafi qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi tattaaffii taasisaa jiraachuu ibsameera.

Heera mootummaa Ityoophiyaan mootummaa amantaas ta’es amantaan mootummaa akka hin jirre kaa’amuu eerameera.

Garaagarummaan abbootii amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Ityoophiyaa gidduutti uumames hojiimaata keessoo mana amantichaan isarra kan darbe seera murtoo hariiroo hawaasaan kan ilaalamu ta’uu eerameera.

Qaamni raawwachiistuus mana murtiin yoo murtaa’e qofa itti gaafatamummaa isaa kan ba’atu ta’uu ibsameera.

Kun kanumaan osoo jiruu qaamoleen kaayyoo siyaasaa badaaf itti fayyadamuuf socho’an mul’achaa jiraachuu mootummaan karaalee garaagaraa mirkaneessuu ibsameera.

Gareen abbootii qabeenyaa, namoota siyaasaafi gurmaa’iinsa dargaggoota hafuuraan “Qopheessa hiriira wareegamaa” jedhu sadarkaa giddugaleessaarraa hanga gadiitti caasaa hundeessuu mootummaan bira gahuu eerameera.

Garichi carrichatti fayyadamuun jeequmsa meeshaan deeggarameen mootummaa sochoosuuf fedhuu qabaachuufi dargaggoota filuun bobbii eegaluu, kaayyoo isaaf karaalee garaagaraa maallaqa walitti qabuun raabsaa jiraachuu akkasumas karaa seeraan alaa qaamolee hidhatan waliin hariiroo uumaa jiraachuu mootummaan mirkaneessuu ibsameera.

Kaayyoo badii kanaaf garee miidiyaa dursee itti yaadee qopheesseen hojii eegaluu mirkanaa’uu eerameera.

Adeemsa hordoffii kanaan qaamoleen meeshaalee sagalee qabaniifi hin qabne qabatan bobbiirra osoo jiranii to’atamuu ibsameera.

 

 

Gareen bilbila bataskaanaa kaayyoo hin barbaachifneef itti fayyadamuunuummata jeequmsaaf kakaasan mul’achuus ibsameera.

Bakkeewwan garaagaraatti qaamoleen dargaggoota walitti bu’iinsa uumuuf filan jiraachuu bira gahamuu ibsameera.

Qaamoleen kaayyoo siyaasasaanii amantaa daheeffachuun hojiirra oolchuuf yaalan to’atamuu eerameera.

Itti gaafatamummaa itti kenname fayyadamuun mirgoota namootaafi dhaabbilee amantaa sarbuun maqaa gaarii mootummaa balleessuuf kan barbaadan akka jiran baramuus addeessameera.

Walumaagalatti rakkoo uumame furuurra rakkicha kaayyoo siyaasaaf fayyadamuutti ce’uu eerameera.

Qaamolee gochaa kana keessatti ta’e jedhanii hirmaachaa jiran hojiin seeratti dhiyeessuu eegalamuu beeksiseera.

Kanaan booda mootummaan akkuma kanaan dura ibsaa ture dhimmichi sarara diimaa ce’ee waan argameef hiriirri “hiriira wareegamaa” jedhamu waan hin jirreef tasgabbii biyyaalessaa uumuuffi nageenya lammiilee mirkaneessuuf mootummaan hojii seera kabachiisuu cimaa kan hojjetu ta’uu beeksiseera.

#Ityoophiyaa #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.