Fana: At a Speed of Life!

Haalli nageenyaa naannoo Amaaraa guyyaa guyyaatti fooyya’aa jira – Biiricha

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2016 (FBC) – Haalli nageenyaa naannoo Amaaraa guyyaa guyyaatti fooyya’aa jiraachuu Biiroon Bulchiinsaaf Nageenyaa naannichaa beeksise.

Mootummaan naannichaa rakkoo jiru furuuf hawaasa waliin hojjechaa jiraachuu biirichi ibsa haala yeroo ilaalchisee kenneen himeera.

Godinaalee fi aanaalee naannichatti haalli nageenyaa fooyya’aa jiraachuu ibseera.

Hojiilee hawaasa waliin hojjetamaa jiruun naannichatti nagaan waaraa bu’aa jiraachuu Hogganaan biirichaa Obbo Dassaalenyi Xaasaw eeraniiru.

Naannicha guutumaan guutuutti tasgabbeessuuf ummanni, dargaggoonni, abbootiin amantaalee, jaarsoliin biyyaa fi miidiyaaleen qooda isaanii akka ba’an gaafataniiru.

Taarikuu Laggasaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.