Fana: At a Speed of Life!

Haaromsi Istaadiyeemii Magaalaa Finfinnee xumurame

Finfinnee, Bitootessa 12, 2016 (FBC) – Ulaagaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa bu’uura taasiisuun haaromsi Istaadiyeemii Magaalaa Finfinnee gaggeeffamaa ture guutumaan guutuutti xumuramuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksise.
Waggoota 2 oliif haaromsamaa kan ture akkaataa ulaagaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa kaa’een hojjetamee xumuramuu Ministeerichatti Hojii Raawwachiisaan Misooma Ispoortii Asmaaree Gizaw eeraniiru.
Marsaa jalqabaan haaromsi dirree taphaa, uwwisa marga uumamaa, kutaalee qulqullinaa, giddugaloonni yaalaa fi qorannoo farra si’eessituu gaggeeffamuu himeera.
Haaromsa marsaa 2ffaan hojiileen kutaalee miidiyaalee, Ibsaa, Teeknooloojii, teessoo addaa fi kabajaa dabalatee raawwatamuu ibsaniiru.
Haaromsi marsaa 2ffaa kun % 97 xumuramuu himuun, kan hafes yeroo dhiyootti kan xumuramu ta’uu eeraniiru.
Shaakalli Olompikii Paaris 33ffaan Istaadiyeemii kanatti kan eegalamu ta’uu Obbo Asmaareen dubbataniiru.
Ugaalaa Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa kaa’een haaromsi Istaadiyeemichaa guutummaan xumuramuu ibsaniiru.
Haaromsa marsaa jalqabaaf Birrii miiliyoonni 47, marsaa 2ffaaf Birrii miiliyoonni 190 ol baasii ta’uu himaniiru.
Jilli to’annoo fi qorannoo Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa fi Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa yeroo dhiyootti Istaadiyeemicha gamaaggamuuf gara Itiyoophiyaa kan dhufu ta’uu dubbataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.