Fana: At a Speed of Life!

Hanqina Sanyii filatamaa furuuf hojjetamaa jira – Interpiraayizii Sanyii filatamaa Oromiyaa

Finfinnee, Sadaasa 16, 2016 (FBC) – Hanqina Sanyii filatamaa furuuf hojjetamaa jiraachuu Interpiraayiziin Sanyii filatamaa Oromiyaa beeksise.

Interpiraayizii Sanyii filatamaa Oromiyaatti Dameen Arsii sanyii filatamaa gosa garagaraa lafa hektaara kuma 11.5 irratti misoomse walitti qabuu eegaleera.

Interpiraayizichi inisheetiiviiwwan misooma midhaanii karoorfaman fiixaan baasuuf sanyii filatamaa baay’inaafi qulqullinaan dhiheessuuf gaheesaa gumaachaa jiraachuu Interpiraayizii Sanyii Filatama Oromiyaatti hojii gageessaan Damee Arsii Obbo Ittafaa Fufaan ibsaniiru.

Intarpiraayizichi bara oomishaa kanatti ooyiruu midhaan sanyii gosa gara garaan misoomserraa callaa kuntaala kuma 300 kan abdatu ta’uu himaniiru.

Interpiraayizichi dargaggoota kuma 14 oliif carraa hojii dhaabbii fi yeroo uumuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.