Fana: At a Speed of Life!

Har’a jiraattoonni kumaatamaan lakkaawwaman Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 7, 2016 (FBC) – Yaadannoon Injifannoo Adwaa daawwattootaaf banuu ta’uu hordofee har’aa jiraattoonni magaalaa Finfinnee kumaatamaan lakkaawwaman galhambicha daawwachuu ibsameera.

Barattoonni manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi Dhaabbilee barnootaa olaanoo, Diyaaspoorawwan, lammiileen alaa fi kutaaleen hawaasaa hedduun har’a Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwachuu eeraniiru.

Yaadannichi seenaa afaaniin dhalootaaf darbaa ture qabatamaan kan agarsiise ta’uu daawwattoonni kunneen eeraniiru jedhame.

Ibsituu seenaa, mallattoo tokkummaa fi Asxaa ummattoota gurraachuu ta’uu himaniiru.

Yaadannoo akka kutaa yaaliitti tajaajilu danda’u hambaa qaalii ta’uu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.