Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni Dhiiga arjoomuu akka amaleeffatuuf waamichi dhiyaate

Finfinnee, Bitootessa 11, 2016 (FBC)- Hawaasni Aadaa dhiiga aarjomuu akka guddisuu fi lammiilee dhiigni barbachisuuf akka qaqqabu Tajaajilli Baankii Dhiigaa Itiyoophiyaa waamicha dhiyeeseera.

Lakkoofsi tola ooltotaa dhiiga arjoomanii hir’achuu hordofee dhiigni gahan walitti qabamaa akka hinjiree Daayrektarri Tajaajilichaa Habtaamuu Tayyeen dubbataniiru.

Haaluma kanaan, baatii Bitootessa “Baatii dhiigaa arjoomuu” gaggeessuun hammantaa dhiigaa wallitti qabamuu dabaluuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Dhiiga arjoomuun tajaajila namoomaa keessaa tokko ta’uu eeruun hawaasni dirqama kana akka bahatu tajaajilichi gaafateera.

Bara bajatichatti dhiigaa Yuunitii kuma 427 walitti qabuuf karoorfame hanga ammatti dhiigni Yuunitii kuma 220 qofti walitti qabamuun eerameera.

Solomoon Yittaayyewutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.