Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni Diyaaspooraan dhiibbaa biyyoota Alaan Ityoophiyaarra ga’aa jiru dura dhaabbachuu qabu jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2013 (FBC) – Hawaasni Diyaaspooraan dhiibbaa biyyoota Alaan Ityoophiyaarra ga’aa jiru dura dhaabbachuun dhugaa qabatamaa biyya keessa hubachisuu qaba jedhameera.
Waltajjiin marii Diyaaspooraa haala qabatamaa yeroo biyyarratti qopheessummaa Waajjira Preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa fi waldaa Diyaaspooraa Oromiyaan qophaa’e Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Mariii diyaaspooraa kanarratti Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaaasaaddar Burtukan Ayyaanoo, Gorsaa Preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Amiin Jundii fi qooda fudhattoonni biroo argamaniiru.
Jijjiirrama jiruun wal qabatee dhiibbaan keessa fi alaa jabaachaa jiraachuu obboo Amiin Jundii barreeffama mata duree Dhiibbaa keessaa fi alaa jedhuu dhiyyeessaniin dubbataniiru.
Hawaasni diyaaspooraa haala qabatamaa yeroo ammaa jiru kana hubachuun dhiibbawwaan ga;aa jiran hawaasa idil addunyaa hubachisuu akka qaban Ambaasaaddar Burtukan Ayyaanoo himaniiru.
Dajanuu Gonfaatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.