Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni musiliimaa ayyaana Arafaa yeroo kabaju weerara vaayrasii koroonaaf of eeggannoo cimaa taasisuu qaba- Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa

Finfinnee, Adoolessa 22, 2012 (FBC) – Hawaasni Musiliimaa ayyaana Arafaa yeroo kabaju weerara vaayrasii koroonaaf of eeggannoo cimaa taasisuu akka qabu Manni Maree Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa hubachiisee.
 
Preezdaantiin Mana Maree Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa hajii muftii Umur Indiriis kabaja ayyaana Arafaa ilaalchisuun ibsa laataniiru.
 
Hawaasni musiliimaa ayyaana Arafaa yeroo kabaju weerara vaayrasichaa ittisuuf dhorkamoota gama amantichaan taa’ee fi labsii yeroo ariifachiisaa kabajuun ta’uu akka qabu ibsaniiru.
 
Hordoftoonni amantichaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hojii cimaa hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.
 
Ayyaanni arafaa bara kanaa yeroo kabajamu haala kana dura barameen iddoo tokkotti walitti qabamuun osoo hin taane wantoota weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf gargaaraan raawwachuun ta’uu akka qabu himaniiru.
 
Hawaasni musiliimaa ayyaana kana yeroo kabaju namoota rakkatan gargaaruu fi kanneen dhukkubsatan gaafachuun kabajuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
 
Iddoo jiranitti kadhannaa taasisuun ayyaanicha kabajuu akka qabanis ergaa dabarsaniiru.
 
Preezdaantiin Mana Maree Waliigala Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa hajii muftii Umur Indiriis hawaasa musiliima hundaan baga ayyaana Arafaa waggaa 1441ffaan isin ga’e jedhaniiru.
 
Ayyaanni Arafaa waggaa 1441ffaan Jimaata dhufu sirna hoo’aa ta’een kan kabajamu ta’uu ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.