Fana: At a Speed of Life!

Hayyoonni birmadummaa fi nageenya waaraa Ityoophiyaaf gahee isaanii bahachuu qabu-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 26, 2015 (FBC)- Hayyoonni haala qabatamaa Ityoophiyaa hubachuun birmadummaa fi nageenya waaraa isheef gahee isaanii bahachuu qabu jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Muummeen Ministiraa gama miidiyaa hawaasumma isaaniin ergaa dabarsaniin, hawaasa beekumsaa fi beekaa kabaju ijaaruun akka danda’amutti mootummaa fi hayyoonni walitti dhiyeenyaan biyya tokkoof hojjechuu qabu jedhaniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad guyyaa har’aa waltajjii marii hayyootaa Magaala Finfinneetti gaggeeffamerratti hirmaataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.