Fana: At a Speed of Life!

 “Hidha Haaromsaa Guddicha Ityoophiyaa xumursiisuuf hirmaannaan hawaasaa cimee itti fufeera”- aadde Qonjiit Baqqalaa

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2013 (FBC) – Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa sadrkaa xumuraarra jiru dhugoomsuuf hirmaannaan Hawaasa Mootummaa Naannoo Oromiyaa cimee itti fufuu Waajjirri Qindeessaa Hidha Haaromsa Guddicha naannichaa beeksise.

Daayrektarri olaantuun Waajjirichaa aadde Qonjiiti Baqqalaa akka ibsanitti, ummanni naannicha waadaa “Hidha Haaromsa guddichaa Ityoophiyaa akkuma jalqabnetti ni xumurra” jedhu dhugoomsuuf hirmaannaa taasisaa turan cimsuudhaan bara kanas boondii bituu fi arjoomaan maallqni walitti qabamaa jira jedhan.

Hidhi Guddichi Ityoophiyaa erga jalqabamee waggoota 10 lakkoofsiseera kan jedhan aadde Qonjiit, hawaasni naannichaa ijaarsa kana milkeessuuf hanga ammaatti Birrii Biiiliyoona 2tti siqu arjoomaniiru jedhan.

Ammas waadaa galan galmaan gahuuf sosochii bal’aan taasifamaa akka jiru himan.

Bara Kana bittaa boondii fi arjooma garaagaraarraa Birrii miilyoona 200 walitti qabuuf kan karoorfame ta’uus dubbatan.

Yeroo ammaa sosochii naannichatti taasifamaa jiruun hawaasni gumaacha olaanaa taasisaa jiru jedhan.

Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa akka beekiseetti; Tibbana dubartoonni miseensota caffee 100 ta’an Walgahii idilee 13ffaa, waggaa 6ffaa bara hojii 5ffaa irratti hirmaatan boondii Birrii 27800 bitachuusaanii ibsaniiru.

Waajjira qindeessaa naannichaa dhaqqabeen Godinaaleen kanneen Arsii Lixaa, Birrii Miiliyoona 2.75, Baale Bahaa Birrii 950,000, Harargee Bahaa Birrii miiliyoona 3.5, Jimmaa Birrii Miiliyoona 1.7 Bittaa Boondiifi Arjoomaan walitti qabamuusaa himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.