Fana: At a Speed of Life!

Hidha haaromsaaf bakka bishaan ciisu qopheessuf marsaa lammaffaaf bosona heektara kuma 4 fi 854 ciruun raawwatamuufi

Finfinnee, Bitootessa 20, 2013 (FBC) – Hidha haaromsaaf bakka bishaan ciisu qopheessuf marsaa lammaffaaf bosona heektara kuma 4 fi 854 ciruun raawwatamuuf akka jiru Ejansiin Carraa Hojii Uumuu Teekniikaa fi Oogummaa Naannoo Beenishaanguul Gumuuz beeksise.
Daayreekattarri olaanaa Ejansichaa obbo Bashir Abduraahiim bishaan guutuu hidha haaromsaa marsaa 2ffaa gaggeessuf bakka bishaan ciisu bosona heektara kuma 4 fi 854 ni uwwisa jedhan.
Hammi bishaanii kan jalqabaarra dacha afuriin guddaadha jedhameera.
Eejansichi bakkicha qopheessuf humna elektirikii Ityoophiyaa waliin waliigaltee taasisuu ibsameera.
Bu’uuruma waliigaltichaan baasii Birrii miiliyoona 81 akka tahu hubachiisaniiru.
Bakkicha qopheessuuf aanota naannoolee hundarraa walitti kan baba’an dargagootni hojii dhabaan kuma 5 ol ofkeessatti kan qabate intarpiraayzoota 500 waliin waliigaluun torbee kana keessa akka xumuramu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.