Fana: At a Speed of Life!

Hidha Haaromsaarratti sadarkaa ministirootatiin mariin Waashiingitanitti gaggeeffamaa ture xumurame

Finfinnee, Amajjii 23, 2012 (FBC) – Hidha Haaromsaarratti sadarkaa ministirootatiin mariin Waashiingitanitti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Mariin sadarkaa ministiroota dhimma alaa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibtsiin Ameerikaa Waashiingitanitti gaggeeffamaa ture kaleessa xumurameera.

Mariin Kabxata darbe eegale guyyoota lama keessatti xumuramuun osoo irra jiraatuu amma kaleessa galgalaatti taa’ameera.

Marichi yammuu xumurametti ibsi waloo kennamuusaa ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan ibsaniiru.

Marii Waashiingitanitti gaggeeffame kanarratti ministira Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw dabalatee ministiroonni dhimma alaa, bishaanii, ogeeyyiin seeraa fi damee bishaanii Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts argamaniiru.

Marichi bakka ministirri Ministeera Maallaqaa Ameerikaa fi bakka bu’aan Baankii Addunyaa taajjabdummaan argamanitti gaggeeffameera.

Guutinsaa fi gadi lakkisa bishaanii, yeroo gogiinsaa, gigiinsa yeroo dheeraa, ammeentaa yaa’a lagaa yeroo gogiinsaarratti mari’atamee waliigalameera.

Dhimmoota walii hin galaminirratti yeroo itti aanutti kan irratti mari’atamu ta’uu, guutinsaa fi gadi lakkisarratti ammoo wixinee waliigaltee qopheessuuf waliigalameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.