Fana: At a Speed of Life!

Hidhattoonni Warraaqsa Diimookiraatawaa Ummata Gumuuz 247 mootummaatti harka laatan

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC) – Godina Matakkal aanaa Gaanguritti Hidhattoonni Warraaqsa Diimookiraatawaa Ummata Gumuuz jechuun of waaman 247 mootummaatti harka laachuu Komaand Poostiin aanichaa beeksiise.
Hidhattoonni Warraaqsa Diimookiraatawaa Ummata Gumuuz jechuun of waamaan aanichatti ergama garee shororkeessaa ABUT fudhachuun socho’aa turan 247 karaa nagaan qaamolee nageenyaaf harka kennuu walitti qabaan Komaand Poostii aanichaa Kumalaa Damissee Daanyeen ibsaniiru.
Guyyaa har’aa hidhattoonni 57 hidhannoo guutuu waliin harka laachuu isaanii eeraniiru.
Waraanaa fi walitti bu’iinsarraa bu’aan argamu waan hin jirreef hidhattoonni hafanis karaa nagaan harka kennuu akka qaban Kumalaa Damisseen eeruu ragaan Kominikeeshinii Godina Matakkal irraa argame ni muul’usa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.