Fana: At a Speed of Life!

“Hidhi Haaromsaa kooti” kan jedhu Itiyoophiyaanota keessatti miira abbummaa olaanaa uumeera-Amb. Silashii Baqqalaa

Finfinnee, Bitootessa 20, 2016 (FBC)- “Hidhi Haaromsaa kooti” kan jedhu Itiyoophiyaanota keessatti miirri abbummaa fi kaka’umsaa olaanaan akka uumamu taasisuu Ameerikaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa fi Mari’ataa Olaanaa Dhimma Hidhichaa Ambaasaaddar Silashii Baqqalaan dubbatan.

Gamtaan, qoramaata olaanaa darbuun qaamolee Hidhaa Haaromsaa boqonnaa xumuraarraan ga’aniif galatatu maalaafi jedhan.

Bara 2003 kan eegalame ijaarsi Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa, walta’iinsa fayyadama bishaanii, fayyadamummaa haqa qabeessaa fi ollummaa gaarii kan bu’uureffate ta’uu Itiyoophiyaan irra deddeebiin ibsa turuu yaadachiisan.

Hidhicharratti Sudaanii fi Ijipti waliin hojii waliigalaa guutiinsa bishaanii hidhichaa ilaalchisee mariin gama sadee gaggeeffame xumuramuu yaadachiisaniiru.

Bara Faranjootaa Amajjii 2020 Finfinne guutiinsaa bishaanii Hidhaa Haaromsaa ilaalchisuun mariin gaggeeffame waliigaltee malee xumuramuun eerameera.

Yeroositt, Ministira Bishaanii fi Inarjii kan turan Ambaasaddar Silashii Baqqalaan ibsa miidiyaaleef kennanirratti taatee umamee kan hindaganne ta’uu ibsan.

Ibsicharratti gaazexeessituun Giddugalaa Bahaarraa dhufte gaaffii hinmalle “Hidhichi wayita xumuramu eenyuutu bulcha?” jedhuuf, “Hidhi Haaromsa kooti; Itiyoophiyaanotatu bulcha deebii jedhu kennuu yaadachiisaniiru.

Ibsa miidiyaalee boodas jechi “Hidhichi kooti” jedhu Itiyoophiyanotaa hunda keessatti miira abbummaa daran cimsuu dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.