Fana: At a Speed of Life!

Hiiwoot Mokonnin du’aan akka adabamtu itti murtaa’e

Finfinnee, Sadaasa 26, 2015 (FBC)- Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti da’immaan lama haala suukanneessan ajjeesuun kan himatamte Hiiwoot Mokonnin du’aan akka adabamtu itti murtaa’e.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa Dhaddacha Dhimmoota Ajjeechaa, dhaddacha har’aan, kanaan duraa daa’imman lama ajjeesuun kan himatamte Hiiwoot Mokonnin du’aan akka adabamtu murteesseera.

Hiiwoot Mokonnin, Magaalaa Finfinnee Kutaa Lammii Kuraa manneen jireenyaa waliinii Boolee Arraabsaatti hojjettuu manaa wayita taatee hojjechaa turtetti, sababaa hinbeekamneen daa’imman hojjechiistota ishee lama haala suukanneessaan ajjeessuun kan yaadatamuudha.

Awwal Abarraatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.