Fana: At a Speed of Life!

Hind Hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf kan hojjetu ta’uu ibsame

Finfinnee, Amajjii 27, 2012 (FBC) – Hind Hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf kan hojjetu ta’uu ibsame.
Ministir deettaan Ministeer Dhimma Alaa FDRI aadde Hiruut Zammanaan, itti aanaa ministiraa Ministeera Dhimma Alaa Hind waajjira isaaniitti simachuun haasoofsiisaniiru.

Marii isaaniis dhimmoota waloo fi idila addunyaa irratti mari’ataniiru.

Hariiroon Ityoophiyaa fi Hind baroota dheeraa kan lakkoofsise hariiroo hunda galeessa fi bu’ura cimaa irratti hundaa’e ta’uu aadde Hiruut himaniiru.

Hind hariiroo Ardii Afrikaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf sochii taasisaa jirtu kan dinqisiifatan ta’uus ibsaniiru.

Tiiruumurt gama isaaniin Hind hariiroo Ityoophiyaa waliin qabduuf xiyyeeffannoo addaa laatti jedhan.

Hind Hariiroo waloo Ityoophiyaa waliin qabduu fi waltajjii walitti dhufeenyaa caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu Tiiruumurt himuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI irraa argame ni agarsiisa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.