Fana: At a Speed of Life!

Hinditti sa’aatii 24 darbe keessatti namoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 52 ol vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Eebila 18, 2013 (FBC) – Indiyaatti guyyoota shaniif walitti aansuun lakkoofsi namoota guyyaa tokkotti vaayrasii koroonaan qabamanii akka addunyaatti isa olaanaa ta’e galmaa’e.
Sa’aatii 24 keessaatti namoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 52 fi 991 vaayrasichaan qabaniiru.
Hospitaalonni namootaan guutaman, hanqina ooksijiiniif jechaa dhukkubsattootaa ofirraa deebisaa jiru jedhame.
Biyyattii keessatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan du’anii guyyaa tokkotti kuma 2 fi 812n dabaleera.
Biyyattiitti hanga ammatti namoota miiliyoona 17 fi kuma dhibba 3 fi kuma 13 ol dhibachaan qabaman keessaa lubbuun namoota kuma dhibba 1 fi kuma 95 fi 123 darbeera.
Maddi:-Reuters fi The Economic Times
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.